Nyaata Aadaa Oromoo Arsii
Seensa
Nyaata Aadaa jechuun Oromoo Arsii
biratti Nyaata kabajaa fi iddoo guddaa qabuudha.Oromoo Arsii biratti gosoonni
nyaata aadaa hedduutu jiru.nyaanni aadaa kun harki caalaan sirnoota adda
addaatiif kan qophaa’u yoo ta’u, ufumaa manatti fayyadamuufis ni qopheeffatu. Nyaata aadaa oromoo arsii biratii beekamoo
ta’anii fi akkaataa itti qophaa’an akkaa aramaan gadiiti haa ilaalluu mee.
Gosoota nyaata aadaa oromoo arsii
- Finiina
- Marqa
- Marmaree
- Halaqanaa
- Caccabsaa
- Micciirraa
Finiina
Finiina jechuun foon diimaa jaji’anii
aduu keessatti goggogsani mooyyeeti tumani ergasii dhadhaa wojjiin woliti makuudhaan
hojjatamuun nyaataaf kan oluudha/kan
dhihaatuudha.
Nyaatni kun osoo hin alaa’iin/osoo
foolii haaraa hin kennin yeroo dheeraafis turuu kan danda’uudha.Finiinni yeroo
Cidhaa fi keessummaan ulfaattuun namatti dhuftu heddumminaan qophaaya.
Marqa
Marqa jechuun nyaata aadaa oromoo
arsii keessaa isa tokko yoo ta’uu kan inni qophaa’uus miidhaan kannen akka
garbuu, qammadii fi boqqolloo irraa kan hojjatamuudha.haa ta’uu malee irra
caalaatti filatamaa kan ta’ee marqa garbuu irraa hojjatamuudha.kana jechuun sirritii
kan filatamu marqa garbuuti jechuudha malee kuuwwan hin ta’u yookaan hin
nyaatamu jechuu miti. Sababni isaas garbuun aadaa ummata oromoo arsii birrati
miidhaanoota jiran keessaa isaa hangafaa ta’ee fi gahee olaana kan
qabuudha.dabalataanis qaama namaa ijaaruu, humna kennufi aanisaa dabaludhan faayidaa
baayyee kan qabu waan ta’eef marqii garbuu baayyee filaatamadha.akkasuma
garbuurraa gaafa marqamu marqi isaas sirritti jabaata, yoo nyaattus hedduu
sitti tola. Marqi marqameef qofa osoo hin taane sirriitti jabaate yoo
bilchaatee dhadhaan sirnaan itti buufamee fal’aanaan gaafa kutattu hanga
fal’aan siharkaa cabsuutti kan gahu yoo ta’e marqa gaariidha jenna.
Marqii garbuu yeroo hojjatamuu
jalqaba irrati midhaantuu qophaayaa. Ittii aansuun immoo miidhaan qophaayee
kana moayyeetti naquudhaan qara cabsama/biilaa/qaranaa isaattu irraa
caccabsama. achiin booda immoo hafarsanii bishaanitti buusanii erga xiqqoo
tursiisan booda ni findigama/mooyyeetti tumama.ergasii booda aduu keassatti
afuudhaan goggogsanii irra deebi’anii tumuun qulqulleessuun akka daakamuuf
qopheessu. gochoonnii arman olitti tuqaman kunniin hundii kan raawwataman osoo
midhaan hin daakamin dura kan raawwatamaniidha.
Ergasii booda garbuu haala kanaan
qulqulaa’ee kana harkaan dhakaa daakkaatti daakuun ykn baabura midhaani daaku
geessuun midhaanichi akka daakamu taasisu. erga daakamee booda immoo gingilchaan
sirriiti gingilchu. erga gingilchani qulqulleessanii booda ibidda qabsiisanii
okkotee ykn meeshaa marqa ittii bilcheessuuf qopheefatan san ibidda irraa kaayuudhaan
aannan/areera ykn bishaan ittii naquun danfisu.bishaanichii danfee ergaa jedhee
booda immoo ashaboo ittii naquu; ittii aansuun immoo daakuu qophaayee san itti
buusuudhan haaxumaa ykn maamasadhan sirritii woliin gahuudhan ni laaquu.
Okkotee jaba yoo ta’ee immoo ibbidaa irraa lafaa buusani maddii ibbidaa kaayuudhan
miilaan okkoteetti ijjatanii haxumaadhan/maammasaadhaan sirriti woliin gahu.erga
laaqani woliin gahanii booda immoo okkotee qadaaddoo isii itti qadaaduudhan
ibidda irratti deebisan. Haala kana irra deddeebiin raawwatu hanga inni sirriitti
xiixee bilchaatuutti ibidda irra tursiisuudhan kan rawwatamuudha.ergaa
bilchaachuun isaa mirkaneeffamee booda qorii ykn meeshaa marqichii ittii
nyaatamutti baafamuun dhadhaan baqfamee dhimbiibamee sirritti qulqullaa’ee
marqichatti naqamudhaan nyaataaf dhiyaata.marqi yeroo garagaraatti qophaa’uu
danda’a.fakkeenyaaf yeroo Cidhaa akkasuma yeroo sagantaa garagaraa.marqi Oromoo
Arsii biratti nyaata baratamaa yeroo hunda nyaatamuudha.
Marmaree jechuun nyaata beekamaa oromoo Arsiiti.kan irra qopha’u
irra caalaa midhaan akka qamadii ykn garbuu irraayi. Akkuma maqaan isaa
ibsutti, marmareen mammaramaadha. Kan irraa qophaa'u irra caalaatti qamadiifi
garbuudha. Marmaree hojjachuuf daakuu daakuu qopheeffatu .sana booda
bishaanitti naquun sukkuumu.erga sirriitti sukkuumanii miciqaa xiqqeessanii
kutuun harka lamaan jidduu galchanii qaqaldhisanii rigu.isa akka gamadaatti
fooyamu sana akka nama korboo maruutti yookaan akka nama safeedii dhahuutti
maru. Isa maramu kana yoo fedhan takkaan dhiisu yoo barbaadan immoo dachaan
maru. Haala kanaan hanga barbaadan erga tolchanii booda ibidda qabsiisanii
eelee sibiilaa yookaan eelee Faaraa irra kaayanii oowwisu. Erga eeleen oowwitee
raawwattee booda marmaree fuudhanii irra kaawuudhaan bilcheessu. marmaree tolchani
hundaa bilcheeasnii irraa fuudhuudhaan kan ibiddi gube albeedhaan irraa fooqu. Marmiricha
erga haala kanaan goggogsanii bilcheessanii meeshaa akka saafaa/tiriitti bakka
tokkotti erga wolitt qabanii dhadhaa baqsanii itti naquun sirritti dibanii
woliin gahu. Amma nyaataaf qophaawe waan ta’eef yoo fedhan ammauma nyaatu yoo
fedhan immoo qoritti guuruun olkaayu.
Caccabsaa
Caccabsaan Nyaata
Aadaa Oromoo Arsii biratti sirritti beekamuudha. Caccabsaan kan hojjatamu
qixxaa qamadii ykn qarbuu irrahi. Daakuu Garbuu yookiin Qamadii miciqanii qixxaa (xoroshoo) hojjatanii eelee
irratti erga bilcheessanii ykn goggogsanii booda eelee irraa fuudhuun iddoo ibiddi tuqe
yookiin gube hunda irraa faaquun yookiin bocuun qopheessu. erga bocanii
qopheessanii booda qorii ykn waan biroo keessatti caccabsanii dhadhaa baqfame itti
naquun bsirriitti woliin sukkuumu. Haala kanaan erga raawwatamee booda nyaataaf
dhihaata. Caccabsaan Oromoo Arsii biratti nyaata heddumminaan dhihaatuudha.
Micciirraa
Micciirraan Nyaata Aadaa Oromoo Arsii biratti
kabajaa fi iddoo guddaa qabuudha. Micciirraa jechuun nyaata yeroo cidhaa, sagantaa garagraa fi
gumaata adda addaatiif kan qophaawuudha. Micciirran kan hojjatamu Bassoo
irraahi.Nyaanni kun kan hojjatamu jaalqaba miidhaan garbuutu qophaaya. erga midhaan
garbuu qophaayee booda moyyeti naqamee tumamuun qara cabsama. Ergasii immoo ibiddi
ni qabsiifama,ergaa ibiddi qabsiifamee booda immoo eelee sibiilaa ibidda irra
kaayuudhaan garbuun bifa bareeda ta’een ni akaayama.erga akaayamee booda immoo
eelee irraa bafamuudhan xiqqoo lafa tursiifama hanga qabbanaa’utti. Erga
qabbanaa’ee booda mooyyetti naqamee sheerumama/tumama. ergaa sheerumamee/mooyyetti
tumamee booda mooyyee keessaa baafamee hafaarsamuudhaan hansaraa keessaa qulqullessanii
urgoo fi mi’essituu gosa garagaraa itti
dabaluudhan dhakaa daakkaa ykn baaburaa midhaan nyaataa itti daakamu geessuudhaan
haala bareeda ta’een daakkama/bassoo/bachoo isa jedhamu sana ta’a jechuudha.
Inni daakkamee bifa daakuutin qophaaye sun immoo bachoo/bassoo jedhama. Bachoon/bassoon
kun adeemsa armaan olitti tuqame kana kessa taree erga dhufee booda jalqaba
irratti gingilchaadhaan sirriitti irra deddebi’amee gingilchama.
Bachoon/bassoon erga haala bareeda kanaan
sirritti qulqullina isaa eeggaatee qulqullaa’ee booda Saafaa yookiin meeshaa bal’aa micciiraa keessaati
hojjachuuf qophefameetti naqama. Ergaa bachoon meeshichatti naqameen boodaa
immoo kuukusii itti naqu. Kuukusii jechuun nyaata micaqaa miciqanii harka
lamaaniin wolitti riguu isa rigame sana maqasiin xixiqqeessanii cicciruun
halluu garagaraa itti dabalanii bifa garagara akka qabaatuuf eelee faaraa
irratti akaayuun bilcheessanii nyaataaf itti fayyadamaniidha.erga bachoo/bassoo
fi kuukusii wolitti saafaa tokkotti naqanii booda dhadhaa baqsanii qopheeffatan
sana fidanii itti naqu. Sana booda sirritti wol-seensisanii woliin sukkuumu.
Bachoon/bassoon erga sukkuumamee laafee booda qoriitti naquun itti qadaadamee
olkaayama. Micciirraan erga haala kanaan hojjatamee booda isa qoritti naqamee
ol-kaawwame sana guyyaa tokkoo fi sanaa ol bulchanii yoo jedhan yeroo nyaataaf
fuudhan sirriitti jabaata. Micciirraan haala kanaan qohaahe sagantaa
barbaadameef oola.
Halaqanaa
Halaqanaan Nyaat Aadaa Oromoo Arsii biratti beekkamtii qabuudha. Halaaqanaan Qorsoo ykn akaayyii Garbuu fi dhadhaa irraa hojjatama. Qorsoon yookiin akaayyiin garbuu erga akaayyamee booda,qaranaan irraa mooyyeetti irra sirritti erga tumamee booddee hafarfamee qulqullaaye dhadhaan itti naqamuun nyaataaf kan qophaa’uudha.
0 Comments